Seerota Yuunivarsii kudha lamaan

Hiikkaa Yuunivarsii :-



Yuunivarsii Kan nuti jennu uumama hundumaa lafa jala,lafarra,qilleensa keessa,pilaanetoota akkasumas urjiilee,gaalaaksii garagaraa fi kanneen isaan kana keessa jiran mara walitti qabneeti.

Eessaa dhufe Yuuniversiin haga kana qorannaa ilmaan namaa gararraa ta'e kun kan jedhuuf, maddeen lamatu jiru.Isaanis:-

a.Saayinsii

       Saayinsiin akka jedhutti hangii fi annisaan (matter and energy) Yuuniversii hundumtuu naannoo waggaa miliyoona 13.7 dura iddoo tokkotti kuufame ture.Wanta hanga atoomii geessus ture.Yeroo keessa wanti xiqqoon kun baballachaa,baayyacha fi diddiriira deemuun annisaa,hangaa fi yeroon gara uumamuutti dhufan.Akka Tiyoorii Biig Baang (Big bang) kanaatti Yuuniversiin keenya ammayyu baballinaa fi baayyachuu dhaabbii hin qabne (Evolution) keessa jirti. 

b.Amantii

        Akka amantiin jedhutti Yuunivarsiin waaqayyoti (uumaati) ta'i jedhee jecha afaan isaatiin wanta dursee yaada isaa keessa jiru tartiibaan uume jedhu. 

Maddi Yuuniversii deemsaan (evolution) nis haa ta'u karaa uumaa yookiis waaqaa,Tiyooriin lamaanuu waan irratti waliif galan qabu.Innis,ta'iiwwan Yuunivarsii keessatti arginu kana hundumaa wanti to'atu,akkataa ittiin bulmaata isaanii kan geggeessu, seerri ijaan hin mullanne garuu gochaan argamu akka jirudha.


Wanti tarii nuti akka tasaa raawwatame jennee yaadnu illee seera yookiis qajeelfama (principle) hin mullanne kan wanti sun akka raawwatuuf sababa ta'utu dirqama jiraata.Ta'iin tokko raawwataa malee uumamuu waan hin dandeenyeef.

Mee seerota yookiis qajeelfamoota Yuunivarsii kana haa ilaallu.Lakkofsi isaanii kudha lama.

Seeronni kun maaliif kudha lama ta'an kan jedhu gaaffii namatti uumuu hin dhiisu.Maaf kudha tokko yookiis kudha sadii ykn kaanis hin taane? Waaqni lakkoofsaan akka inni taphatu baruun gaariidha.Lakkoofsi meeshaa taphaa uumaati! Lakkoofsaan malee waa dalaguu hin danda'u.Guyyoonni,ji'oonni,waggaan 'bichaa' uumamatti lakkoofsa mamaxxansee waan tolche fakkaata! Dursee waa'ee lakkofsa kudha lamaan xiqqoo sitti hima mee.Lakkoofsi hundumtuu irra deddeebii duwwaadhaa kaasee haga sagaliitti jirurraa ijaarama ( 0 upto 9).Herregni (Mathematics) lakkoofsa ni qoratan malee hin uumne.Lakkoofsi uumama uumaati malee kalaqa yaada/harka namaa miti jechuudha.Kana yaaddee beektaa tarii ! Ajaa'iba! 

Lakkoofsi kudha lama lakkofsa guutuudha jedhama.Kudha lamaan ergamoota gooftaa,kudha lamaan ji'oota waggaa,guyyaanii fi halkan sa'aatii kudha lamaan wal jijjiiru,Luboota Israel kudha lamaan,Basaastota Israel kanaa'anitti ergaman kudha lamaan,Ijoollee Yaayiqoob kudha lamaan.Kan hafe baayyee lakkaa'uun ni danda'ama.Waaqni lakkofsa kudha lamaan waan dudubbatu namatti hin fakkaatuu ? Nama dhiba! Mee kallattiin gara seerota kana ilaaluutti ceena.

1) SEERA TOKKUMMAA YUUNIVARSII


Wanti arginuu fi hin arginee hundumtuu walitti hidhataadha.Waan adda ba'ee jiraatu tokkollee hin jiru.Wanti nuti yaadnu,dubbannuu fi hojjeennu hundumtuu wantoota Yuuniversii keessa jiran kan birootti hidhataa ta'uurrayyu dabree dhiibbaa kan uumu(affect) ta'uusaati.Fknf:-Mee kaan dhiisii biqiltootaa fi ilmaan namaa ilaali akkaataa isaan oksijinii fi kaarboon daayi oksaayidii itti walirraa fudhatan.Mee yaadi akka itti nama tokkommoo utuudhuma teessee waa'ee isaa yaadduu yookii kataf jedhee sitti ba'a,iimeeyila siif barreessa yookaan immoo siif bilbila ta'a! Caasaa ifatti hin mullanne wayiitii hundumtuu xaxaa tokkicha keessa jiraata yuunivarsiin keessatti.

2) SEERA OLLANNAA


Wanti Yuunivarsii keessa jiru hundumtuu bifa (pattern) geengawaa(circular) ta'een ni socho'a,ni adeema akkasumas ni hollata.Kun uumama bakkee qofa osoo hin ta'iin yaada nuti mataa keenyatti yaadnu irrattillee ni hojjeta.Tokkoon tokkoon yaadaa fi miirri yaada sanaan wal qabatee mataa keenya keessa jiruu firiiquweensii (dambalii) ittiin socho'uu,adeemuu fi hollatu mataa isaa qaba.

3) SEERA RAAWWII


Yaadni,mullata,miiraa fi jechoota dubbannu lafarratti arguudhaan gochaawwan sana deeggeraniin hojiitti hiikuu qabna.Yoo kana goonu seera raawwiitiin hojiirra oolchine jechaadha.


4) SEERA WAL GITAA (CORRESPONDENCE)


Seeronni Fiiziksii; kan akka annisaa,hollannaa,ifaa fi sochii addunyaa mullatuu ibsan hundi gita isaanii kan ta'e seera hojiirra oolchan kan hun mullanne qabu.Fkn:- "Akkuma waaqarratti ta'e akkasuma lafarratti haa ta'u " akkuma jennu jechaadha!

5) SEERA SABABAA FI BU'AA


Seerri kuni wanti tokkittiin akka tasaa yookiis seera Yuunivarsii keessa jiruun ala taatu yookiis raawwatamtu akka hin jirre dhugaa ba'a.Gochi ykn raawwiin kamiyyu sababa kan ta'uuf of duubaa qabaachuu isaa agarsiisa.Waanuma facaafte hammaatta akka jedhamu sana jedhaadha.

6) SEERA WAL MADAALLII (COMPENSATION)


Seerri kun seera sababaa fi bu'aa eebbaa fi badhaadhummaa irratti hojiirra ooluun mullatudha.BU'AAN HOJII (dalagaa) keenyaa bifa kennaa,maallaqaa,dhaalmaa,hiriyyuummaa fi eebba gara garaa kan hojii keenya SANA GITUUN gara keenya dhufa.

7)SEERA HARKISOO


Seerri kuni akkaataa nuti wantootaa fi namoota gara jireenyaa keenyaa dhufan itti uumnu yookiis kalaqnu nu agarsiisa.Yaadonni,miirri,jechoonnii fi wantootni nuti dalagnu marti annisaa maddisiisu.Annisaan kunimmoo gama biroodhaan annisaawwan ISA FAKKAATAN yuunivarsii keessaa harkisuudhaaf humna qaba.Egaa,akkuma akka amalaa fi gosa isaaniitti annisaawwan poozatiiviis ta'e nagatiivii kanuma isaan fakkaatu sana ofitti harkisu.

8) SEERA JIJJIIRAMA ANNISAA(TRANSMUTATION)


Seerri kun namni kamiyyu aangoo haalota jireenya isaa ittiin jijjiiruu danda'u of keessaa qaba jedha.Vaayibreeshiniin guguddaan isaan xixiqqoo jijjiiruudhaaf humna qaba jedha.Fknf : Gaddi vaayibreeshinii xiqqaa qaba.Gammachuun vaayibreeshinii guddaa qaba.Nami gammachuu qabu isa sadarkaa gaddaarra jiru caalaa vaayibreeshinii guddaatiin socho'a.Kanaafuu sadarkaa(status) isa gadduu sana geedderuu danda'a.

9) SEERA SADHATAA


Seerri kun tokkoon tokkoon namaa qormaataa fi rakkoo ifa isa keessa jiru cimsu keessa darba jedha.Qorumsi nu mudatu hundumtuu Ilaalcha keenyaan isa kana dura nu mudateen yookiis isa nammotaa biraa mudaateen gaafa ilaalamu jabaa fakkatus ammayyu qorumsa sana caalummoo kan keessummeessu waan jiruuf,hundumtuu ija sadhataan ilaalamuu qaba jedha.Qorumsa kamiifuu deebiin isaa unuma keessa waan jiruuf keessa laphee keenyatti hidhannee yoo morkanne jabaan nu mo'atu hin jiru hunduu sadhataawaa waan ta'eef jedha.

10) SEERA FAALLAA


 Seerri kunimmoo wanti hundumtuu yuunivarsii keessaa faallaa qaba jedha.Yaadota hin barbaachifne jijjiiruu ykn dhabamsiisuuf yaadota faallaa isaanii ta'an irratti xiyyeeffachuun ga'aadha jedha.Wanta mormitu sana yaaduu dhiifteetu,fuula irraa naanneffattee, isa deggertu sana yaaduutti xiyyeeffatta.Kanumaan isa mijataa hin taane sana geedderta!

11) SEERA RIITIMII (RYTHM)

Seerri kun wanti Yuunivarsii keessa jiru hundi riitimii ta'een hollata jedha.Riitimiin kunimmoo waqtii,irra deddeebii fi sadarkaa wayii uuma.Kanaafuu Sadarkaa kee jijjiiruuf riitimii ittiin amaleeffannoon hollachaa turte (vibrational paradigm shift) gochuu qabda jedha.

12) SEERA SAALAA (GENDER)


Kunimmoo wanti hundumtuu bifa rogfaallaa (polarity) saalaatiin jiraata jedha.Saala dhiiraa (Masculine) fi Saala dhalaa (feminine) tiin  jechuudha.Isaan kun lamaan hundee uumama hundumaa akka ta'anitti kaa'a.Annisaa mata mataa isaaniis qabu.Nami hundumtuus annisaa dhiiraa fi dhalaa of keessaa qabaachuu addeessa.Garuu inni tokko isa kaan caaluu isaatu nama sana dhiira ykn dhalaa (saal-tokkee) taasisa malee.Annisaa kana lamaan of keessatti wal-madaalsisuu ykn wal qixxeessuu dhaan nama afuuraa (spiritually minded) kan ta'uun danda'amu.Kana jechuun namoota yaadi isaanii wanta waaqaa irratti xiyyeeffachuun jireenya qulqullaa'aa jiraatu jedhaman miira saala lamaanii wal qixxee qabaatu jechuudha.

Horaa bulaa.
Yoo Isinitti tole ta'e 'Share'
 godhaa 'Social media' irraan.





















Comments

Popular posts from this blog

From Classrooms to Companies: Why Global Startups Begin at University

The Startup Lesson Hidden Inside Amar Bose’s  Life